Dorgommii “Huawei tech for good” gareen Itiyoophiyaa injifate

Finfinnee, Adoolessa 3, 2016 (FBC)- Moorookootti dorgommii naannawaa “Huawei tech for good” gaggeeffame gareen Itiyoophiyaa sadarkaa 1ffaan injifachuun ibsame.

Dorgomtoonni biyyoota Afrikaa Bahaa, Kaabaa, Lixaa fi Giddgaleessaa 17’rraa baba’an kan hirmaatan sagantaa leenjii teeknooloojii “Huawei CDC for the future 2024” Moorookoo Isaawuraattii Waxabajjii 26 hanag Adoolessaa 2, 2016tti gaggeeffameera.

Itiyoopiyaan barattoota 10 yuunivarsiitiiwwan saddeetirraa baba’an kan hirmaachiste yoo ta’u, garecha keessaa barattoonni shan kan irratti hirmaatan dorgommii sadarkaa naannawaa “Huawei tech for good” irratti hirmaachuun injifataniiru.

Baratoonni hirmaataan gareewwan 28’tti qoodamuun pirojektiiwwan dorgommii kan qopheessan yoo ta’u, gareen Itiyophiyaa garee Moorookoorratti hirmaate of hordofsiisuun sadarkaa 1ffaan xumureera.

Haaluma kanaan Itiyoophiyaa fi Morokoon, dorgommii xumuraa Idil Addunyaa 2025 gaggeeffamuuf gara Chaayinaatti kan imalan ta’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment