Dorgommii fiigichaa biyyoota garaagaraatti fiiggameen Atleetoonni Ityoophiyaa koorniyaa lamaaniinuu milkaa’an

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Xumura torbee darbee Dorgommii fiigichaa idil addunyaa biyyoota garaagaraatti fiiggameen Atleetoonni Ityoophiyaa koorniyaa lamaaninuu milkaa’aniiru.
Dorgommii Fiigicha Maarootaanii Taaywaanitti atleetoota dhiiroota gidduutti gaggeeffameen Dammaqaa Kaasaw sa’aatii 2:11:411 sadarkaa 1ffaa, Masarat Araggaa sa’aatii 2:14:59 sadarkaa 2ffaan xumuraniiru.
Dorgommii dubartootaa gidduutti gaggeeffameen ammoo Alamtsaay Asaffaa sa’aatii 2:30:44 xumuruun injifatteerti.
Dorgommii walakkaa Maaraatoonii Jaappaan Saaniyyootti Atleetoota dubartootaa gidduutti dorgomameen Atleet Zayituunaa Huseen sa’aatii 1:9:31 sadarkaa 1ffaan yoo xumurtu, Atleet Daassitaa Burqaan sadarkaa 2ffaa xumurteerti.
Oduma walfakkaatuun Dorgommii walakkaa Maaraatoonii Xaaliyaanii Siittaa Muraataatti Atleetoota dubartootaa gidduutti dorgomameen Atleet Addisalem Balaay sa’aatii 1:12:07 sadarkaa 1ffaan xumuruu ibsameera.
Akkasumas dorgommii qaxxaamura biyyaa Ispeenitti Atleetota dhiirootaa gidduutti dorgomameen Atleet Nibrat Malaak daqiiqaa 32 fi sekoondii 37 sadarkaa 2ffaan xumureera.
Dubartootaan ammoo Atleet Liqinaa Ambaaw daqiiqaa 29 fi sekondii 53n sadarkaa 2ffaa xumuruu ishee ragaan Federeshiinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment