Finfinnee, Bitootessa 9, 2015 (FBC)- Dorgommii Atileetiksii “Jibutii Intarnaashinaal Miit’ yeroo 6ffaaf gaggeeffamerratti Atileetonni Ityoophiyaa injifataniiru.
Dorgommii dubrtootaa kiiloomeetira shaniin Allashinyi Baawwaqee daqiiqa 16, sekoondii 15 fi maayikiroo sekoondii 30’n 1ffaa baateetti.
Akkasumas Adaanee Annimaawu daqiiqaa 16, sekoondii 18 fi maayikiroo sekoondii 66’n 2ffaa baateetti.
Dorgommii dubartootaa meetira kuma 1 fi 500’n Atileet Natsaannat Dastaa daqiiqaa 4, sekoondii 8 fi maayikiroo sekoondii 58’n 1ffaa baateetti.
Fireezawud Tasfaayee ammoo daqiiqaa 4, sekoondii 9 fi maayikiroo sekoondii 43’n 2ffaa baateetti.
Dorgommii meetira kuma 1 fi 500 dhiiraan Atileet Abdulkariim Takkee daqiiqaa 3, sekoondii 8 fi maayikiroo sekoondii 16’n 1ffaa baheera.
Dorgommii dhiiraa meetira 800’n Efireem Mokonnin 1ffaa yoo bahu meetira kuma 5 dhiiraan ammoo Atileet Zannabaa Ayyalee 2ffaa baheera.
Dorgommii Atileetiksii “Jibutii Intarnaashinaal Miit’ kanarratti Itiyoophiyaa dabalatee Atileetonni Jibutii, Sudaan, Ugaandaa, Birundii, Somaaliyaa, Ruwaandaa, Keeniyaa, Seeneegaal fi Kaameeroon hirmaachuu TOI gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.