Dorgomichaan miidhaan nu mudatus miira jaalala biyyaan fageenyicha xumureera – Atileet Qananiisaa Baqqalaa

Finfinnee, Hagayya 11, 2016 (FBC) – Dorgommii Maaraatoonii Olompikii Paarisirratti miidhaan isa mudachuu Atileet Qananiisaa Baqqalaan himeera.

Dorgommicharratti akkuma Kiiloo meetira 10 fiigeen miidhaan kotteenfachuu irree isa mudachuu Atileet Qananiisaan dubbateera.

Haa ta’uutii miira jaalala biyyaan dhukkubbicha dandamachuun xumuruu isaa himeera.

Olompikiin meedaaliyaa injifachuu qofa osoo hin taane waltajjii cichoominaa fi murannoo gaafatu ta’uu Atileet Qananiisaan ibseera.

Yeroo ammaas haala gaarirra jiraachuu dubbatera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment