Finfinnee, Mudde 26, 2016 (FBC)- Dorgaadorgeen Mo’aa Mo’attootaa “Faanaa Lamroot” marsaa 4ffaan badhaasa olaana argamsiisu har’a kan eegalu ta’uu Fanaa Biroodkaastiingi Koorporeet beeksise.
Dorgommii har’a eegalu kanarratti mo’attoonni “Faanaa Lamroota” Boqonnaa 13ffaa, Boqonnaa14ffaa fi Boqonnaa 15ffaarratti kan walitti fidu ta’uun ibsameera.
Rammaddii 1ffaa jalatti dorgomtoonni 8 marsaa lamaan hojiilee isaanii har’a ni dhiyeessu.
Dorgaadorgee mo’aa mo’attootaa kanaan 1ffaan kan xumuruuf Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet badhaasa Birrii miiliyona 1.5 qopheesseera.
Waliigalaan badhaasni Birrii miiliyoona 3.5 qophaa’uun eerameera.
Dorgaadorgeen mo’aa mo’attootaa kunis har’a sa’aatii 6:00 irraa eegalee Televiizhinii Faanaan, FM 98.1, akkasumaas miidiyaalee dijitaalaa FBC’n kallattiin ni tamsaafama.
Daawwattoonnis karaa ergaa gabaabaa 8222’n akka hirmaataan gaafatameera.
Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet kennaa sagalee qabaataanii carraa waltajjiitti ba’uu kan hinarganneef waltajjii mijeessuun akkasumas guddina damee Muuziqaaf ashaaraa kaa’uuf gahee irraa eegamuu bahachaa jiraachuun ibsameera.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaan
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.