Dorgaadorgeen Mo’aa Mo’attootaa “Faanaa Lamroot” marsaa 4ffaan boru eegala

Finfinnee, Mudde 26, 2016 (FBC)- Dorgaadorgeen Mo’aa Mo’attootaa “Faanaa Lamroot” marsaa 4ffaan badhaasa olaana argamsiisu boru kan eegalu ta’uu Fanaa Biroodkaastiingi Koorporeet beeksise.

Dorgommiin boru eegalu kanarratti mo’attootaa “Faanaa Lamroota” Boqonnaa 13ffaa, Boqonnaa14ffaa fi Boqonnaa 15ffaarratti kan walitti fidu ta’uun ibsameera.

Dorgommii boru eegaluun rammaddii 1ffaa jalatti dorgomtoonni 8 marsaa lamaan hojiilee isaanii ni dhiyeessu.

Dorgaadorgee mo’aa mo’attootaa kanaan 1ffaan kan xumuruuf Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet badhaasa Birrii miiliyona 1.5 qopheesseera.

Waliigalaan badhaasni Birrii miiliyoona 3.5 qophaa’uun eerameera.

Dorgaadorgeen mo’aa mo’attootaa kunis sa’aatii 6:00 irraa eegalee Televiizhinii Faanaan, FM 98.1, akkasumaas miidiyaalee dijitaalaa FBC’n kallattiin ni tamsaafama.

Daawwattoonnis karaa ergaa gabaabaa 8222’n akka hirmaataan gaafatameera.

Fanaa Biroodkaastiingi Koorporeet kennaa sagalee qabaataanii carraa waltajjiitti ba’uu kan hinarganneef waltajjii mijeessuun akkasumas guddina damee Muuziqaaf ashaaraa kaa’uuf gahee irraa eegamuu bahachaa jiraachuun ibsameera.

Lemlem Yohaannistu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment