Finfinnee, Onkololeessa 30, 2016 (FBC) – Dorgaa Dorgeen Faanaa Laamroot boqonnaa 15ffaan torbeewwan 8’f gaggeeffamaa ture boru xumura argata jedhame.
Maqdas Zawdee, Hayilayesuus Isheetuu, Heenook Birhaanuu fi Kiruubeel Geetaachoon boru sa’aatii 6:00 irraa eegalee marsaa 3 ni dorgomu.
Dorgomtoonni Birrii miiliyoona 1 kan qoodatan yoo ta’uu, 1ffaan kan xumure Birrii kuma 400, 2ffaan kuma 300, 3ffaan kuma 200 fi 4ffaan kuma 100 badhaafamu jedhame.
Dorgaa dorgichi boru sa’aatii 6:00 irraa eegalee buufataalee FM hundaan, Teeleeviizyiinii fi filannoowwaan Diijitaalaa hundaan kallattiin ni darba.
Hordoftoonni karaa ergaa gabaabaa 8222 nama dinqisiifatan deeggaruu kan danda’an ta’uu ibsameera.
Lamlam Yohaannisitu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.