Dorgaa Dorgeen Faanaa Laamroota guyyaa boruu xumura argata

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Dorgaa Dorgeen weelliftoota sagalee Faanaa Laamroota guyyaa boruu xumura argata.

Torbeewwan darbaniif weelliftoota sagalee Faanaa Laamroot sirba weelliftoonni ofii fi Abbootiin murtii filataniin qoramaa turaniiru.

Dorgaa dorgeen Faanaa Laamroot tamsaasa kallattii Teeleeviizhiiniin dorgomamu yaada ogummaa abbootii murtii dabalataan daawwattoonni gama ergaa gabaabaa ‘8222’ dorgomtootaaf deeggarsa taasisaa turaniiru.

Dorgommii xumuraa guyyaa boruu gaggeeffamuuf daawwattoonni nama dinqiisiifataniif karaa ergaa gabaabaan sagalee isaanii akka laatan affeerramaniiru.

Dorgaa Dorgee xumuraa Faanaa laamroot boqonnaa 9ffaaf kan darban Raqiiq Asagidaw, Aluulaa Gabra Amlaak, Zalaalam Taaddasaa fi Makibab Arraageen dorgommii kana injifachuuf qophii addaa taasiisaa jiraachuu ibsameera.

Dorgommicha sadarkaa1ffaan kan xumureef Badhaasni Birrii Kuma dhibba 2, sadarkaa 2ffaaf Birrii kumni dhibbi 1 fi kumni 50, sadarkaa 3ffaaf Birrii kumni dhibbi 1, kan sadarkaa 4ffaan xumureef Birrii kumni 50 qophaa’uu ibsameera.

Teeleeviizhiin Faanaa dorgaa dorgicha kallattiin tamsaasuun daawwattoota isaa bashannansuuf qophii xumureera.

Daawwattoonni guyyaa boruu sa’aatii 6:00 eegalee tamsaasa kallattiin dorgommii boqonnaa 9ffaa tamsa’u daawwachaa dorgomtootaafis sagalee isaanii akka laatan Teeleevizhiin Faanaa affeereera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment