Doorsisa Chaayinaaf gurra kan duuchatan Naansii Peloosiin Taayiwaan galan

Finfinnee, Adoolessa 26, 2014 (FBC)- Af Yaa’iin Mana Maree Ameerikaa Naansii Peeloosiin Taayiwaan galaniiru.

Naansii Peeloosiin Taayiwaaniin yoo kan daawwatan ta’e Chaayinaan tarkaanfii duubdeebii kan fudhattu ta’uu ibsaa turuun ishee kan yaadatamudha.

Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa ibsa baaseen, daawwannicha hadheeffatee kan balaaleffate ta’uu CGTN gabaaseera.

Ministeerichi, daawwanichi qajeeltoo Chaayinaa “Chaayinaa Tokko” jedhu kan faallessu, Ameerikaanonni Abiddaan taphachaa kan jiran ta’uu fi Ameerikaan farra nageenya addunyaa ta’uu mirkaneessiteetti jechuu ammoo MTViitu gabaase.

Ministeerri Ittisaa Chaayinaa deebii daawwannaa Naansii Peeloosiin Taayiwaanitti taasisan irratti kenneen, guyyaa har’aarraa eegalee duula loltummaa walitti fufiinsaan dhiyeenya Taayiwaanitti kan gaggeessu ta’uu beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment