Dooniin xaa’oo kuntaala kuma 960 fe’a Buufata Jibuutii ga’e

Finfinnee, Amajjii 7, 2016 (FBC)- Xaa’oo oomisha bara 2016/17’f alarraa bitame keessaa guyyaa har’a Dooniin xaa’oo kuntaala Kuma 960 fe’e Jibuutii qaqqabuu Koorporeeshinii Hojiilee Qonnaa Itiyoophiyaa beeksise.

Har’arraa eegalees dooniiwwan sadii xaa’oo kuntaala miiliyoona 1 fi kuma 822 fi 500 fe’an dabalataan buufata dooni Jibuutii akka ga’an kan eegamu ta’uu eereera.

Xaa’oo bara oomishaa 2016/17’f bitame keessaa hanga Amajjii7, 2016tti marsaa 11’n xaa’oo kuntaalli miiliyoona kuntaalli miiliyoona 5fi kuma 859 fi 403 Buufata Doonii Jibuutii ga’uun ibsameera.

Kana keessaa xaa’oo kuntaala miiliyoona 4 fi kuma 702 fi 294 gara biyya keessatti geejjibsiifamuun karaa waldaalee bu’uuraa qonnaan bultootaaf dhiyaachaa jiraachuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment