Dooniin Waraanaa Ameerikaa bulchiinsa Chaayinaa cabsee seenuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Guyyaa har’aa dooniin waraanaa Ameerikaa eeyyama Mootummaa Chaayinaan ala, naannawaa Odola Galaanaa Kibba Chaayinaa seenuu waraanni Chaayinaa beeksiseera.

Dubbi Himaan Ajaja Kibbaa Waraana Chaayinaa Tiyaan Juunlii ibsa miidiyaaleef kennaniin, naannawichatti sochiin waraana Ameerikaa mul’ate birmadummaa fi fedhii nageenyaa Chaayinaa kan sarbuudha jedhan.

Akkasumas seerota idil addunyaa fi hariiroo idil addunyaa kan cabseedha jedhan.

Ameerikaan naannawaa Kibbaa Chaayinaatti gochaan seeraan alaa raawwatte yaaddoo uumuun nageenyaa fi tasgabbii naannawichaa jeequuf gocha mirkaneesseedha jedhaniiru dubbi himichi.

Waraanni Chaayinaas birmadummaa, nageenyaa fi tasgabbii biyyattiif yeroo hundaa dammaqinaan dhaabbatee jirachuu beeksisuu CGTN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment