Doonaaldi Tiraampi filannoo Kutaa Bulchiinsa Koloraadoo keessaa haqaman

Finfinnee, Mudde 10, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Duraanii Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi filannoo Pireezidaantummaa bara dhufu gaggeeffamuun Kutaa Bulchiinsa Koloraadootti hindorgoman jedhame.

Pireezidaantiin Mana Murtii Koloraadoo Doonaaldi Tiraampi filannoo Kutaa Bulchiinsichaatti akka hinhirmaanne murtee kennaniiru.

Sababni isaas Doonaaldi Tiraampi waggaa sadii dura Kaappitool Hiil keessatti bulchiinsa mootummaarratti hokkara kaasuurraan akka ta’e ibsameera.

Haaluma kanaan, Tiraamp filannoo pireezidaantummma kutaa bulchisichaa keessatti kan hin dorgomne ta’uu ibsamuu BBC’n gabaaseera.

Murtoo Mana Murtichaas hojii raawwachistonni filannoo Doonaald Tiraamp oliyaannoo Mana Murtii Olaanaa Ameerikaaf kan dhiyyeessan ta’uun eerameera.

Gorsaan Doonaaldi Tiraampi murtichi fudhatama hinqabu jechuun qeeqaniiru.

Tiraamp Koloraadoo keessaa haqamanis kutaalee biroo keessatti kaadhimamanii dorgomuu danda’us jedhameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment