Doonaald Tiraampi yaaliin ajjeechaa irratti raawwate waan ajaa’ibaa ta’uu dubbatan

Finfinnee, Adoolessa 8, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin duraanii fi kaadhimamaan Pireezidaamummaa ammaa Ameerikaa Doonaald Tiraampi yaaliin ajjeechaa irratti raawwate waan ajaa’ibaa ta’uu dubbataniiru.

”Silaa ani nama as dhaabbatu hin turre, du’aan ture,” jedhan haasaa waayita gara kora Pireezedaantummaaf kaadhimamanitti deeman Niiw Yoork Poost waliin taasisaniin.

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan, yaaliin ajjeechaa Doonaald Tiraamp irratti raawwatame ilaalchisee ibsa kennaniin, siyaasni Ameerikaa gonkumaa ‘dirree ajjeechaa’ hin ta’u jechuun akeekkachiisaniiru.

Yaaliin ajjeechaa pireezidaantii duraaniifi kaadhimamaa pireezidantummaa ammaa Donaalid Tiraamp irratti taasifame – namoota baayyee kan naasiseefi nageenya akkasumas kan haala siyaasaa Ameerikaa gaaffii keessa galche jedhame.

Yaaliin ajjeechaa Tiraampi irratti aggaamame ‘eegumsa irratti qaawwi akka jiru kan agarsiisu ta’uu qondaaltonni duraanii Waajira Qorannoo Federaalaa(FBI) himuu BBCn Niiw Yoork Poosti wabeeffachuun gabaaseera.

Pireezidantoota Ameerikaa duraanii Abrahaam Liinkan bara 1865, Jeems Gaarfiild 1881, Wiiliyaam Makeenii 1901 fi Joon F Keneedii 1963 irratti yaaliin ajjeechaa gaggeeffamee ture.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment