Doonaald Tiraampi ol iyyaannoo gaafatan

Finfinnee, Caamsaa 4, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Ameerikaa duraanii Doonaald Tiraampi haleellaa Koorniyaa raawwatan jechuun adabbii Doolaara miiliyoona 5 akka kaffalan itti murtaa’erratti ol iyyaannoo gaafataniiru.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Magaalaa Niiwuu Yoorkitti argamu guyyaa lamaan dura dhimma Doonaaldi Tiraampirratti murtoo laatee ture.

Manni Murtichaa Tiraampi Bara Faranjootaa 1990 keessa Gaazexeessituu fi Barreessituu Eeliizaabeeti Jiin Kaarol irratti haleellaa Koorniyaa raawwatan jechuun Doolaara miiliyoona 5 akka adabaman itti murteessuu BBCn gabaaseera.

Tiraampi nama dhuunfaa jedhamte hin beeku jechuun waakkatanii turan.

Guyyaa kaleessaa ammoo adabbii itti laatamerratti ol iyyaannoo dhiyeeffataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment