Doonaald Tiraampi duula na Filadhaa gaggeesaa osoo jiranuu yaaliin ajjeechaa irratti raawwate

Finfinnee, Adoolessa 7, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraampi duula na Filadhaa kutaa Peenisilveniyaatti osoo gaggeesaa jiranuu rasaasni itti dhukaafamuu gabaafameera.

Qaamooleen eegumsaa fi eegdonni ariitiin yommuu waltajjiirraa isa buusan fuula isaanirra dhiigni mul’ateera.

Yeroo ammaa haala gaarirra jiraachuu isaanii ibsamera.

Namni nagaa tokko dhukaasa taasifamaa tureen ajjeeffamuu BBC, Reuters fi CNN gabaasaniiru.

Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan gochicha balaaleffataniiru.

Yaalii haleellaa biyyarratti raawwatame waan ta’eef qaamni hundi akka balaaleffatu gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment