Doonaald Tiraamp gibira kaffalaa akka hin turre saaxilaman

Finfinnee, Fulbaana 18, 2013 (FBC) – Doonaald Tiraamp gibira kaffalaa akka hin turre saaxilaman.

PreezdaantiinYuunaayitid Isteet  Doonaald Tiraamp bara Faranjoota 2016 fi 2017 keessa gibira Doolaara 750 qofa kaffaluu barruun Niiw York Taayimsi gabaase.

Barruun akka jedheetti Tiraampi waggoota 15 darban keessa waggoota 10f gibira hin kanfale. Himannicha garuu Tiraamp ‘oduu sobaati’ ittiin jedheera.

Barri Faranjoota 2017 bara yeroo jalqabaaf preezdaant Tiraamp dorgomaniif Waayit Haawus itti seenaniidha.

Barruun kun ragaa kaffaltii gibiraa preezdaanti Tiraamp kan waggoota kurna-lamaa akka harkaa qabuu fi sanarratti hundaa’uun waggoota 15n darban keessaa waggaa 10 prezidaantichi gibira akka hin kaffalle ragaa argachuu ibse.

Ragaan kun kan agarsiisu ‘’kufaatii diinagdee hamaa fi diddaa gibiraa bara hedduu’’ ta’uus ibse gabaasi kun.

Pirezidaanti Tiraampi ammoo dubbiin oduu sobaati ittiin jedhan.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

Comments (0)
Add Comment