Finfinnee, Adooleessa 20, 2013 (FBC) – Doolaarri Ameerikaa seeraan ala daddabarfamaa ture kumni dhibbi 1 fi kumni 70 to’atamuu Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksiise.
Doolaarri seeraan ala konkolaataa fe’umsaan Finfinnee gara Jiibuutii imalaa ture kumni dhibbi 1 fi kumni 70 fi 700 magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Aqaaqii Kaallattii naannoo Tulluu Diimtuu jedhamutti to’atamuu ibsameera.
Poolisiin magaalaa Finfinnee Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa waliin ta’uun hordoffii taasiisaniin Adooleessa 7, 2013 to’atamuu himameera.
Namni dhimmicha waliin shakkamu tokko to’atamuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.