Doolaarri kumni dhibbi 1 ol karaa seeraan alaa biyyaa baafamuuf yaalame to’annaa jala oole

Finfinnee, Fulbaana 19, 2013 (FBC) – Doolaarri Ameerikaa kumni dhibbi 1 fi kumni 32 olii fi baalli sammuu namaa hadoochuu kookeeyin jedhamuu kiilo giraamni 9.2 karaa seeraan alaa biyyaa baafamuuf yaalame to’annaa jala oolu Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessa beeksise.

Doolaarrii fi baalli sammuu namaa hadoochuu kun Sakattoo teeknooloojiin buufata xiyyaaraa Boolee idil addunyaatti taasifameen to’annaa jala ooleera.

Finfinneerra gara Naayjeeriyaa imalaa kan turee baalli sammuu nama hadoochuu Kookeeyin jedhamuu kiilo giraamni 9.2 akkasumaas ga’uumsa isaa Zimbaabuwee kan taasisee doolaarri Ameerikaa kumni dhibbi 1 fi kumni 32 fi 860 to’annaa jala oolu ibsameera.

Akka ragaan tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessa ibsutti, shakkamtoonni yakkicha raawwachuuf turan to’annaa jala olaaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment