Doolaarri Ameerikaa kumni dhibbi 1 ol seeraa ala daddabarfamaa ture to’annaa jala oole

Finfinnee, Eebila 29, 2013 (FBC)- Doolaarri Ameerikaa kumni dhibbi 1fi kumni 10 seeraa ala daddabarfamaa ture to’annaa jala ooleera.
Hordoffii Komishinii Poolisii magaalaa Finfinnee fi Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyoolessaa taasisaniin Doolaarri Ameerikaa kumni dhibbi 1 fi kumni 10 seeraan ala daddabarfamaa turee to’annaa jala ooleera.
Akka ibsa komishinichaatti doolaarri to’annaa jala oolee kun magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Eekkaa bakka Laambarat jedhamee waamamu buufata konkolaataa keessaattiidha.
Maallaqichi eeruu uummataa, Komishinii Poolisii magaalaa Finfinnee fi Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyoolessaa hordoffii waloo taasisaaniin to’atameera.
Maallaqicha waliin Shakkamtoonni 2 to’annaa jala ooluun poolisiin qorannoo taasisaa jiraachuu ragaan Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneerra argamee ni muul’dhisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
Comments (0)
Add Comment