Doolaarri Ameerikaa kumni 481 fi Yuuroon kumni 33 seeraan ala socho’aa ture to’atame

Finfinnee, Eebila 9, 2014 (FBC) –Doolaarri Ameerikaa kumni 481 fi Yuuroon kumni 33 Finfinnee ka’uun karaa seeraan alaa Jiibuutii seenuuf ture to’atamuu Poolisiin Federaalaa beeksiise.

Doolaarri fi Yuuroon karaa seeraan alaa Finfinnee ka’uun Jiibuutii ga’uuf socho’aa ture magaalaa Dirree Dawaa iddoo addaa bakka Bashannan Gannat jedhamuttu to’atamuu itti gaafatamaan Qorannoo Yakka Kilaatera Bahaa Itti aanaan Ispeektaraa Lammeessaa Makonniin ibsaniiru.

Eeruu argameen Poolisiin Federaalaa fiTajaajilli odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa hordoffii waloon taasiisaa turaniin to’annoo jala oolchuun danda’amuu eeraniiru.

Konkolaachisaan maallaqa kanneen fe’ee imalaa ture to’annoo jala ooluun sakattoon taasiifamaa jiraachuu himaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment