Doolaarri Ameerikaa karaa seeraan alaatin daddabarfamaa ture kumni dhibbi 4 fi kumni 48 ol to’anna jala oole

Finfinnee, Fulbaana 11, 2014 ( FBC)- Doolaarri Ameerikaa karaa seeraan alaatin daddabarfamaa ture kumni dhibbi 4 fi kumni 48 fi 550 to’annaa jala ooluu Komishiiniin Poolisii Federaa beeksiseera.

Konkolaataan fe’umsaa Biiraa Daasheeniin fe’uun ka’umsaa isaa naannoo Amaaraa magaalaa Dabra Birhaan taasisuun magaalaa Finfinnee erga gahee boodaa gara magaalaa Harariin imalaa osoo jiru sakattoo Qaalliittitti taasifameen konkolaachisichi karaa seeraan alaa daddabarsaa kan ture Doolaarri Ameerikaa kumni dhibbi 4 fi kumni 48 fi 550 to’anna jala ooluu ibsameera.

Maallaqichi to’annaa jala kan oolee eeruu uummataa fi poolisiin ta’uu ibsameera,.

Konkaalichisichi maallaqichaa sanduqaa biiraa keessaa dhoksuun wayita dabarsuu yaaluutti to’annaa jala ooluu ibsameera.

Yakkichaan kan shakkamee konkolaachisaan to’annaa jala ooluun qorannoon taasifamaa jiraachuu ragaan Koomishinii Poolisii magaalaa Finfinneerra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment