Doolaara miiliyoona 730’n fooyyessi sarara Finfinnee-Jibuutii taasifamuufi

Finfinnee, Adoolessa 14, 2015 (FBC)- Sarara Finfinnee-Jibuutii irratti fooyya’iinsi olaanaan Doolaara miiliyoona 730’ taasifamuufi jedhame.

Kunis walitti hidhamiinsaa Gaanfaa Afrikaa fi Daldala Ityoophiyaaf furtuudha jedhameera.

Baankiin Addunyaa ibsa baaseen kooriidarri Finfinnee-Jibuutii bu’uura pirojektii Kooriidarii Diinagdee Naannaawaa Inisheetiivii Gaanfa Afrikaa haara raggaasifameen fooyyessichi kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Pirojektichis Maallaqa Waldaa Misoomaa Idil Addunyaa (IDA) irraa argamee Doolaaraa miiliyoona 730’n akka gaggeeffamu eerameera.

Kunis walitti hidhamiinsaa fi ga’umsa loojistiksii Ityoophiyaa dabaluun, Buufataa Doonii Jibuutii waliin quunnamsiisuuf kan tumsuudha jedhameera.

Dabalataan pirojektichi dorgomtummaa daldalaa Ityoophiyaa kan cimsuu, hirmaannaa seektara dhuunfaaf kan jajjabeessu, hawaasa naannawaaf carraa hojii uumuu keessatti gumaacha akka qabaatu eerameera.

Fooyyessi taasifamus, daandii Jibuutii, daandii Mi’eessoo-Dirre Dhawaa daandii saffisaatti jijjiiruun akka ta’e ragaan Baankii Addunyaarraa argame ni mul’isa.

Pirojekticha Baankiin Addunyaa fi Inisheetiivii Gaanfa Afrikaa walta’uun kan gaggeessan yoo ta’u, naannawaa daldala walabaa Afrikaa, misooma hawaas-diinagdee jajjabeessuu fi hiyyummaa hir’isuun, waltajjii addunyaarratti dorgomtummaa Afrikaa dabaluuf kan tumsu ta’uun eerameera.

Alergee fi fichisiisi Ityoophiyaa %95 sarara Finfinnee-Jibuutii kanaan kan gaggeeffamuu ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment