Doolaara miiliyoona 3.5 ni argamsiisaan kan eegamu Avokaadoon gabaa biyya alaaf dhiyaateera-Pir. Shimallis

Finfinnee, Hagayya 28, 2015 (FBC)-Galii Doolaara miiliyoona 3.5 argamsiisuuf yeroo jalqabaatiif Avokaadoon gabaa alaatti ergamuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan himan.

Inisheetivii Avokaadoo sanyii filatamaafi al-ergee bara 2011 Ada’aatti yeroo labsame, lafa heektaara 253 irratti misoomsun ta’uu Obbo Shimallis ibsaniiru.

Waggaa afuriin booda, bara oomishaa 2014/15 ammoo, misoomni kilaastara Avokaadoo sanyii filatamaa kun, lafa heektaara kuma 16 ol kan gahe yoo ta’u, marsaa lamaan oomisha toonii 60 gabaa biyya alaaf dhiyeessuun galii Doolaara Ameerikaa miiliyoona 1 ol argamsiisuu ibsan.

Bara oomishaa 2015/16 ammoo, karoora qabanneefi haala qabatamaa amma jiruun, avokaadoo gosa al-ergee qonnaan bultoonni naannichaa kilaastaraan misoomsaa jiran irraa oomisha toonii 1000 ni argama jedhan.

Haaluma kanaan, yeroo duraatiif gabaa alaatiif erguun kan jalqabamee fi galii Doolaara miiliyoona 3.5 akka argamsiisu kan eegamu ta’uu dubbatan.

Raawwii kanarratti milkaa’ina guddaa kan ta’u, aritii uwwisni misooma avokaadoo sanyii filatamaa al-ergeef oolu ittiin dabalaa jirru qofa osoo hin taane, Istaandaardii gabaan biyya alaa keessumaa gabaan Gamtaa Awurooppaa barbaadu qotee bultoota keenyaan guutuu danda’uudha jedhan.

Waraqaa raga Istaandaardii argameef, hojiin gama kilaastaroota qonna gabaa babal’dhisuudhaan raawwatame gahee guddaa akka qabu himaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota qonna naannichaa ceesisuudhaan milkeessuuf qabate keessaa tokko inisheetivoota gara garaa bocuudhaan dinagdee qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota naannichaa guddisuu yoo ta’u gama kanaan, babal’dhinni misooma kilaastarootaa oomisha gabaa biyyaa keessaa fi alaatti baay’ee barbaadamoo ta’anii shoora guddaa taphachaa jiraachuu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeraniiru.

Milkaa’ina argameef, ogeeyyii qonnaa, qooda fudhattoota, hooggansa sadarkaan jiru, hundaa ol ammoo, qonnaan bultoota galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment