Dooktireetiin Kabajaa, Niishaanii fi Meedaay wixinee labsii keessatti hinhammataman jedhame

Finfinnee, Bitootessa 25, 2016 (FBC)- Dooktireetiin kabajaa Yuunivarsiitiiwwan kennan, badhaasni, Niishaanii fi Meedaay wixinee labsii keesatti kan hinhammatamne ta’uu Ministeerri Haqaa beeksise.

Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaa Wixinee Labsii badhaasa, meedaay fi niishaanii irratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ateera.

Wixineen labsichaan dhaloonni biyya isaaniif gaarummaa akka hojjetaniifi namoota galateeffamanirraa muuxannoo akka qooddatan akkasumas waan ummata fayyadu akka hojjetaniif kaka’umsa kan uumu ta’uun eerameera.

Ministeera Haqaatti Daayrektarri Qorannoo fi Wixinee Seeraa Addis Geetinnat akka jedhanitti, yuunivasiitiiwwan namoota dhuunfaa garaagaraaf Dooktireetiin Kabajaa kennan hojmaataa fi ulaagaa ofii isaaniin kan hojiirra oolu ta’uu ibsan.

Irra deddeebiin badhaasaa, Meedaay fi Niishaanii sadarkaa federaalaa fi naannoleetti akka hinmudanneef naannoleen dameewwan garaagaraan beekkamtiin namootaaf kennan sadarkaa biyyaalessaatti kabaja qaban tilmaama keessa galchuun, mootummaan federaalaa badhaasu akka danda’u wixinichaan kan ilaalame ta’uu Gorsaan Seeraa Waajjira Ministira Muummee Alamantee Aggidawu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment