Finfinnee, Waxabajjii 27, 2013 (FBC) –Dooktarri Kabajaa Abbabachi Goobanaa addunyaa kanarraa du’aan boqotan.
Moggaasa maqaa Maazar Tereezaa Afrikaa jedhamuun kan beekkaman Dooktarri Kabajaa Abbabachi Goobanaa addunyaa kanarraa du’aan boqotan.
Dooktarri Kabajaa Abbabachi Goobanaa daa’imman maatii hin qabne bakka kufanii kaasuun iddoo guddaa akka qaqqaban taasiisuun biyyaaf oolmaa guddaa oolaniiru.
Daa’immaan daandirraa kaasuun guddisanii iddoo olaanaa akka qaqqaban taasiisuun dubartii gootaa beekkamtii olaanaa argatan turan.
Dooktarri Kabajaa Abbabachi Goobanaa bara 1928 Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa aanaa Giraar Jaarsoo iddoo Torban ishee jedhamutti dhalatan.
Dooktarri Kabajaa Abbabachi Goobanaa manneen amantaa Kiristiiyaanaa magaalaa Finfinnee fi Finfinnee ala jiraniif gumaacha olaanaa taasiisaniiru.
Sababa beela hamaa bara 1972 muudatee tureen daa’imman haadhaa fi abbaa malee daandirratti kufan 2 fudhachuun waldaa kunuunsaa fi misooma daa’immanii hundeessan.
Waggoottan 41 darbaniif daa’imman kumaataamaan lakkaawwaman guddisuun iddoo guddaa qaqqabsiisaniiru.
Sagantaa hiyyuummaa hir’isuu garaagaraan kutaa hawaasaa miiliyoona 1.5 oliif deeggarsa taasiisani.
Hojii hojjetaniin waltajjii idil addunyaa garaagaraarraa badhoosota hedduu argataniiru.
Yuunvarsiitii Jimmaarraa Dooktara Kabajaa argataniiru.
Dooktarri Kabajaa Abbabachi Goobanaa dhibee vaayrasii koroonaan qabamanii Hospitaala Phaawuloosiitti kutaa yaala wallaansa cimaatti yaallamaa turuun ganama har’aa umrii waggaa 85ffaa isaanitti addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.
Faanaa Broodkaastiing Korporeet boqachuu isaaniif gaddi guddaan itti dhaga’amuu ibsuun, maatii, firoottaanii fi ummata Ityoophiyaa maraaf jajjabina hawweera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.