Dooktar Yiliqal Kaffalaan hojiilee haroomsa manneen harka qaleeyyii eegalchiisan

Finfinnee, Adoolessa 1, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqal Kaffalaan hojiilee haroomsa manneen harka qaleeyyii eegalchiisaniiru.

Sirnicharratti Dooktar Yiliqal Kaffalaa dabalate, Ministira Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee, Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee dabalatee, qondaaltoonni mootummaa fedeeralaa fi Naannichaa biroon argamaniiru.

Pireezidaanti Yiliqal ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Aadaan wal gargaaruu tokkumaa fi waliin jireenyaa kan jabeessuudha jedhan.

Naannichatti hojiin haroomsa manneen harka qaleeyyii guyyaa har’a eegalamuus ibsaniiru.

Lammiileen, beekkumsaa fi humna qabaniin lammiilee rakkoo keessa jiraaniif deeggarsa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment