Dooktar Yiliqaal lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 22, 2014 (FBC) – Preezdaantii Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaan lammiilee qa’ee fi qabeeny isaanirraa buqqa’uun magaalaa Bahaar Daar qabubatanii jiran daawwataniiru.
Dooktra Yiliqaan buqqaatoota iddoo tursaa keessa qubatanii jiran waliin mari’ataniiru.
Mootummaan lammiilee kanneen deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Dargaggoonni garee shororkeessaa ABUT barbadeessuuf akka hirmaatan gaafataniiru.
Preezdaantiin naannichaa Dooktar Yiliqaal Kaffalaan hawaasni naannoo hojiilee lammiilee kanneen deebisaanii dhaabuuf hojjetamaa jiru deeggaruu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Preezdaantichi Misooma Interpiraayizii Indaastirii Sibiilootaa fi Misooma Teeknooloojii Amaaraa Bahaar Daaritti argamus daawwachuu isaanii AMC gabaaseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment