Dooktar Warqinaa Gabayyoon “Badhaasa Milkeessitoota Afrikaa” Injifatan

Finfinnee, Adoolessa 8, 2015 (FBC)- Barreessaa olaanaan Dhabbaata Misooma Mootummoota Bahaa Afrikaa(IGAD) Dooktar Warqina Gabayyoon “Badhaasa Milkeessitoo Afrikaa’’ (African Achievers Award) Ingiilizitti gaggeeffame injifataniiru.

Milkaa’inaalee IGAD galmessisee keessaa waliigalteen Piriitooriyaa akka milkaa’uuf tattaaffiin taasisee kan eeramuu ta’uun ibsameera.

Badhaasni injifattoota Afrikaa kun namoota bebbekamoo dhaabbiilee Afrikaa keessaa guddina Ardiittiif gumachaa olaanaa taasisaniif beekkamtii kan kennuu sirna badhasa waggaa Afrikatti.

Dooktar Warqinaa Gabayyoon kaleesa galgala sirna beekkamticharrati badhasaa isaanii fudhachuu ragaan IGAD irra argame ni mul’sa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment