Dooktar Teedros nama COVID-19 qabame waliin walarguu isaaniirratti hunda’uun addatti of baasan

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2013 (FBC) –Daayrektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teedros Adahanoom nama COVID-19 qabamee waliin walarguu isaaniirratti hunda’uun addatti of baasaniiru.

Dooktar Teedros fuula Twiitara isaaniitin akka beeksisanitti, namni isaan dhiyootti walargan vaayrasichi irratti argamuun erga mirkana’ee addatti of baasaniiru.

Yeroo amma kanas fayyaa isaanii haala gaariirra kan jiruu fi mallattoon vaayarsiicha kan irratti hin argamne ta’uu beeksisaniiru.

Yeroo amma kana hojii isaanii mana isaanii turuun akka hojjetan beeksisaniiru.

Maddi:-Aljaziiraa

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment