Dooktar Tashoomaa Addunyaan Kutaa Magaalaa Sulultaatti hojiilee misoomaa daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 19, 2017 (FBC) – Hoggantoonni Olaanoon bulchiinsa magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan durfamu Kutaa Magaalaa Sulultaatti hojiilee misoomaa daawwateera.

Kutaa Magaalaa Sulultaatti Inisheetiiwwan qonnaa, misooma beelladaa, giddu-galli gabaa fi buufata fayyaa daawwataniiru

Magaalaa Shaggaritti, qonna magaalaa babal’isuun wabii midhaan nyaataa, giddu-gala dinagdee taasisuun dinagdee dam-daneessa fiduu, akkasumas tajaajila fayyaa qulqullina qabuu fi dhaqqabamaa tahe kennuu fi badhaadhina hunda-galeessa uumuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eerameeta.

Daawwannaa kanarratti, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa, Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu, Af-yaa’ii Magaalaa Shaggar Obbo Qaabatoo Albee dabalatee hoggantootni Magaalaa Shaggar, Hoggansa Kutaa Magaalichaa fi qaamoleen biroo argamuu ragaan kominikeeshinii magaalicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment