Dooktar Muluu Naggaa hojii raawwachiisaa olaanaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay ta’uun muudaman

Finfinnee, Sadaasa 4, 2013 (FBC) – Dooktar Muluu Naggaa hojii raawwachiisaa olaanaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay ta’uun muudamuu isaanii Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
 
Manni Maree Ministirootaa murtii Mana Maree Federeeshiniirratti hundaa’uun bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayitti hundaa’u ilaalchisee dambii raggaasisuunsaa ni yaadatama.
 
Haaluma danbii ragga’een Dooktar Muluu Naggaa Hojii raawwachiisaa olaanaa bulchiinsa yeroo naannichaa ta’anii muudamuu isaanii Dooktar Abiy Fuula Fees Buukii isaaniin ibsaniiru.
 
Hojii raawwachiisa olaanaan kun qaama bulchiinsa yeroo ta’anii, itti gaafatamtoota hoji-raawwachiiftuu mootummaa naannichaa gaggeessan, paartiilee siyaasaa garaagaraa seera qabeessa ta’aniifi naannichatti socho’an keessaa filanii ni muudu jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment