Finfinnee, Adooleessa 27, 2013 (FBC)- Ministir Deettaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dooktar Muluu Naggaa akkasumas hoggantoonni yuunvarsitiiwwan 25 irraa walitti babbaa’aan sagantaa ashaaraa magariisaa Yuunvarsiitii Waachamootti gaggeessaan.
Ministeerri saayinsii fi Dhaabbilee barnoota olaanoo Yuunvarsiitii Waachamoo waliin tumsaan karooraa fi gamaaggamaa leenjii dhaabbilee barnoota olaanoo mootummaa bara baajata 2014 gaggeessaa jiru.
Yuunvarsiitii Waachamootti gaggeeffamaa kan jiru gamaaggamii fi leenjichii har’arraa eegalee hanga Adooleessa 29, 2013tti kan gaggeeffamuu ta’uu ibameera.
Salamaawwit Tasfaayeetu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.