Finfinnee, Sadaasa 9, 2017 (FBC) – Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan duula talaallii Ittisa Dhibee Kaansarii fiixee Gadameessaa sadarkaa biyyaalessaatti kennamu eegalchiisaniiru.
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Mana Barumsaa Sadarkaa Jalqabaa Tulluu Diimtuu lakkoofsa 1tti eegalchiisaniiru.
Hoggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofesar Natsaannat Warqinaa, hoggantoonni Ministeera Fayyaa fi hoggantoonni dhaabbilee deeggartootaa bakka argamanitti duulichi eegalameera.
Kaansariin fiixee Gadameessaa Itiyoophiyaatti Kaansarii Harmaatti aanee dhibee miidhaa olaanaa qaqqabsaa jiru ta’uu Dooktar Maqdas kaasaniiru.
Yeroo ammaa akka biyyaatti waggaan dubartoonni kumni 8 ol dhibichaaf kan saaxilaman ta’uu eeruun, kumni 5 ol ammoo lubbuu dhabaa jiraachuu eeraniiru.
Talaalliin kun Sadaasa 9 – 13, 2017tti shamarraan umriin isaanii waggaa 9 hanga waggaa 14tti jiraniif kennama jedhame.
Shamarraan miiliyoona 7.5 ta’aniif Manneen Barnootaa, Dhaabbilee Fayyaa fi buufataalee dhimmichaaf hunda’aan keessatti sadarkaa biyyaatti kan kennamu ta’uu dubbataniiru.
Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia