Dooktar Liyaan Ministira Fayyaa hawaasaa Kuwaatar waliin mar’atan

Finfinnee, Muddee 7, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaa Ministira Ministeera Fayyaa Hawaasaa Kuwaatar waliin mari’ataniiru.
Ministiroonni lameen hariiroo damee fayyaa biyyoota lamaanii cimsuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Kaayyoon waliigaltichaa biyyoota lamaan gidduutti sirna eeggumsa fayyaa sadarkaa jalqabaa cimsuuf ta’uu ibsameera.
Dabalataan sirna odeeffannoo fayyaa, ogeeyyii fayyaa, deebii yeroo ariifachiisaa, qorannoowwan naannoo fayyaarratti taasiifamanii fi dhimmoota tumsaan hojjetaman waliin hojjechuuf waliigaluu isaanii Dooktar Liyaa Taaddasaan Fuula Feesbuukii isaaniin beeksisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment