Dooktar Liyaan giddugala yaala vaayrasii koroonaa Eekkaa Kootabee daawwatan

Finfinnee, Eebila 28, 2012 (FBC) – Minisirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan giddugala yaala vaayrasii koroonaa Eekkaa Kootabee daawwatan.
 
Wayita daawwannaa isaanii, tajaajjilli yaalaa yaallamtootaa dhibee vaayrasii koroonaaf kennamaa jiru fooyya’a dhufuu himaniiru.
 
Dooktar Liyaan namoota dhibicharraa guutumaan guutuutti dandamatan dubbisaniiru.
 
Namoonni giddugala kanatti yaallamaa turan tajaajilli argataa turan daraan gaarii ta’uu ibsaniiru.
 
Giddugalichi yeroo ammaa dhukkubsattoota COVID -19f tajaajila wallaansaa yaalaa kennurratti argama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment