Finfinnee, Bitootessa 15, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan haala waqtaawaa weerara vaayrasii koroonaa ilaalchisee eegdoota olaanoo Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa waliin mari’ataniiru.
Miidhaa weerarichi yeroo ammaa qaqqabsiisaa jiru ilaalchisee qaamolee kanneen waliin marii taasiisaniiru.
Yeroo ammaa lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii haala addaan dabalaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaaa Taaddasaan ibsaniiru.
Abbootiin amantaa hordoftoonni amantaa qajeelfamoota weerara vaayrasichaa ittisuuf ba’e akka kabajan hubachiisuu qabu jedhan.
Keessattuu haguuggii fuulaa sirnaa akka fayyadaman barsiisuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Eegdoonni olaanoon Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa weeraricha ittisuuf qooda isaaniin kan ba’an ta’uu ibsuu isaanii ragaan Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.