Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Itti Gaafatamaan Deeggarsa Namoomaa Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomanii Dooktar Kaatiriin Soozii waliin Ambaasaaddaroonni Xaaliyaan, Jaappaan, Siwiizarlaandi, Fiinlaandii fi hoggantoonnni USAID, UNICEF, FAO fi IOM har’a ganama Jigjigaa seenaniiru.
Jilli kun buuftaa Xiyyaaraa Idila Addunyaa Geeraad Wiil Wal wayita ga’an Itti Gaaftamaa Waajjira Preezdaantii Naannoo Somaalee Dooktar Huseen Hashii Qaasiim, Af Yaa’ii Mana Maree naannichaa Aadde Ayyaan Abdii fi hoggantoonni hojii naannichaa simataniiruun.
Jilichi turtii Jigjigaatiin lammiilee naannichaa iddoolee garagaraatii buqqa’an deebisanii dhaabuuf dhimmoota dandeessisanirratti akka mari’atan eegama jechuun miidiyaan naannichaa gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.