Dooktar Injinar Habtamuu Ittafaan Duraa Taa’aa Garee Inarjii Idil Addunyaa Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015(FBC)- Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtamuu Ittafaan Duraa Taa’aa Garee Inarjii Idil Addunyaa Chaayinaa Luu Ziyaang waliin mari’atan.

Dooktar Injinar Habtamuun, waggoottan darbanitti dhaabbileen Chaayinaa ijaarsa bu’uuraalee misoomaa keessatti hirmannaa olaanaa taasisaa turuu yaadachiisuun, Ityoophiyaan gama Inarjiin hojiilee invastimantii hedduu qabaachuu ibsaniiru.

Duraa Taa’aan Garee Inarjii Idil Addunyaa Chaayinaa Luu Ziyaang gama isaaniin, dhaabbiileen Chaayinaa Ityoophiyaattii hojiilee misoomaa garaagaraa irratti hirmachaa jiraachuu ibsuun, gama misooma Inarjii irratti hirmaachuuf fedhii kan qaban ta’uufi haalli akka mijaatuuf gaafachuu ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjirraa argame ni mul’isa.

Gama biraan Ministir Deetaan Ministeera Bishaaniifi Inarjii Sulxaan Waliin bakka bu’oota Dhaabbata Misoomaa Jarman waliin tumsa misooma inarjiirratti mari’achuus eerameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment