Dooktar Injinar Birhaanuu Bulchaan meeshaa addeessarratti bishaan argachuu danda’u hojjetan

Finfinnee, Hagayya 18, 2014(FBC)- Qorataan NASA Dooktar Injinar Birhaanuu Bulchaan meeshaa addeessarratti bishaan argachuu danda’u hojjetan.

Akka ragaan NASA mul’isutti qorannoo kanaan dura taasifameen addeessarra bishaan hangaan xiqqaa ta’e jiraachuu mirkaneeffatamus haalaan osoo adda hin baafamiin turuu ibsameera.

NASAN teekinooloojiiwwan kanaan dura hojjeteen bishaan, hayidiroojiiniifi haydirooksiinii qofaa qofaatti  adda baasuu akka hin dandeenye eerameera.

Teekinooloojiin Dooktar Injinar Birhaanuu Bulchaa hojjetan “Heetroodaayin Ispeektiroomeetir” kan jedhamu yoo ta’u calaqqee guddaa gadi lakkisiisuun qaamolee bishaanii addeessarra jiran adda baasuufi bakka isaa sirnaan mul’isuu kan dandeessisu ta’uu ragaan NASArraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment