Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan biyyoota yaa’a laga Naayilitti walitti qabaa Mana Maree Ministiroota haroowwan biyyoota Ikuwaatooriiyaalii ta’uun filataman

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Bishaanii Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan biyyoota yaa’a laga naayilitti walitti qabaa Mana Maree ministiroota haroowwan biyyoota Ikuwaatooriiyaalii ta’uun filataman.
Dooktar Injiinara Silashiin yaa’ii waggaa Mana Maree ministiroota biyyoota yaa’a laga Naayil 28ffaa fi biyyoota yaa’a laga Naayilitti yaa’ii Mana Maree ministiroota haroowwan biyyoota Ikuwaatooriiyaalii 23ffaa weebiinaraan gaggeeffameen filatamuu isaanii ibsameera.
Dooktar Injiinara Silashii Baqqalaan waggaa tokkoof biyyoota yaa’a laga Naayilitti walitti qabaa Mana Maree ministiroota haroowwan biyyoota Ikuwaatooriiyaalii ta’uun ni tajaajilu jedhame.
Oduma walfakkaatuun yaa’ichi Ministira Ministeera Eeggumsa naannoo Ruwaanda Dooktar Jiiyaan Dii’oork walitti qabduu Mana Maree Ministirootaa biyyoota yaa’a laga Naayil taasisuun moggaaseera.
Yaa’ii kanarratti Ityoophiyaa dabalateen ministiroonni Bishaanii Buruundii, Riippaablika Demookraatawaa Koongoo, Sudaan, Gibts, Ruwaandaa, Sudaan Kibbaa, Ugaantaa fi Taanzaaniyaa argamaniiru.
Biyyoota miseensa yaa’ichaatti qoondiinsi bishaanii haqa qabeessa ta’e jiraachuun daraan barabaachisaa ta’uu eerrameera.
Yaa’ichaaf gabaasni raawwii Iniisheetivii bara 2020 dhiyaachuun mariin gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, galmoota Iniisheetivichaa milkeessuuf murannoon biyyootaa xiqqaa ta’uu, Gibts hirmaachuu dhabuu, deeggarsi maallaqaa dhaabbilee idil addunyaa hir’achuu fi rakkoon siyaasaa biyyoota kanneeniin gufuu olaanaa ta’uu ragaan Ministeera Bishaanii, Jalliisii fi Iinarjiirraa argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment