Finfinnee, Adoolessa 21, 2012 (FBC)- Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan Afrikaatti Ministira Briitaaniyaa Jams Dadriij waliin mari’atan.
Dooktar Injiinar Silashiin ministiricha waajjira isaaniitti simatanii mariisisaniiru.
Turmaata isaanitiin dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu, hojii saaniteeshinii, qulqullina naannoo fi dhuunfaa, jallisii, misooma sululaa fi hojiilee dameewwan inarjiirratti mari’ataniiru.
Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan sadarkaa ijaarsi Hidhi Haaromsaa irra jirurrattis ministirichaaf ibsa laataniifiru.
Hidhichi guddina Ityoophiyaa fi biyyoota yaa’a gadaanu keessa jiraniif faayidaa qaburrattis ibsa laataniiru.
Afrikaatti Ministirri Briitaaniyaa Jams Dadriij gama isaanitiin mariin hidhichaa bifa faayidaa biyyoota sadanii kabachiisen akka xumuramu fedhii qaban ibsaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.