Dooktar Hiruut Kaasaw Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Porchugaal waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 7, 2013 (FBC) – Ministirri Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiruut Kaasaw Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Porchugaal Heeleenaa Malkaataa waliin mari’ataniiru.
Aanga’oonni lameen hariiroo biyyoota lameenii barootaf dheeraaf ture cimsuurratti mari’ataniiru.
Ityoophiyaan biyyoota Awurooppaa dura Poorchugaala waliin hariiroo mootummaa fi mootumaaa akka ture Dooktar Hiruut Kaasaw ibsaniiru.
Ambaasaaddar Heeleenaa Malkaataa gama isaaniin Ityoophiyaa waliin hojjechuuf dameewwan hedduun jiraachuu kaasaniiru.
Misooma tuuriizimii, oogumma harkaa, misooma Ispportii, qindoomina muuziyaamii kaneen biroo jirachuu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Comments (0)
Add Comment