Dooktar Hiruut Kaasahuun Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Haangaarii waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2013 (FBC)- Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriziimii Dooktar Hiruut Kaasahuun Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Haangaarii Atiilaa Koopaanii waliin mari’ataniiru.

Turtii isaaniin hariiroo  biyyoota lamaaniirratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddarichi bara Faranjoota baatii Fulbaana magaalaa Buudapeestitti argasiisaa tuurizimii daldalaa Haangaarii gaggeeffamurratti Ityoophiyaan akka hirmaattu affeeraniiru.

Kanaafis Ityoophiyaatti iddoowwan hawwataa tuuriziimii beeksisuuf carraa garii akka uumuu himaniiru.

Ministirittin Ityoophiyaatti inistityuutin aadaa Xaaliyaan konseertii gareen muuziqaa Haangaarii qopheesseerratti keessumma kabajaa ta’uun akka hirmaataan affeeruusaanii ragaan Ministeera aadaa fi tuurizimiirra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

 

Comments (0)
Add Comment