Dooktar Girmaan Piroofeesar Gabbisaa Ejjetaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 11, 2015 (FBC) – Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen Looreetii Addunyaa Piroofeesar Gabbisaa Ejjetaa waliin mari’ataniiru.

Haala bu’aa qorannoo isaanii gara Ityoophiyaatti babal’isuun oomishaa fi Oomishtummaa guddisuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Looreetiin Addunyaa, Piroofeesar Gabbisaa Ejjetaan qorannoo yeroo dheeraa gaggeessaniin sanyii midhaanota adda addaa haala qilleensaa hamaa dandamachuu fi jiidhinsa xiqqoon firii gaarii kennan argachuun beekamtii argataniiru.

Bu’aa qorannoo isaanii Ityoophiyaatti hojiirra oolchuuf haala dandeessisurratti mari’achuu isaanii ragaan Ministeera Qonnaarraa argame mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment