Dooktar Girmaan Itti Gaafatamtuu sagantaa tumsa Misooma Qonnaa Jarman waliin mari’atan

Dooktar Girmaan Itti Gaafatamtuu sagantaa tumsa Misooma Qonnaa Jarman waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 16, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen Itti Gaafatamtuu Sagantaa Tumsa Misooma Qonnaa Jarman Indiriyaa Wiiliyaam Saam waliin mari’ataniiru.

Dhaabbatichi eegumsa biyyoof deeggarsa teeknikaa fi faayinaansii olaanaa gumaachuu dubbataniiru.

Sagantaalee haaraa yeroo itti aanu hojiirra oolaan hojiitti hiikuuf dhaabbaticha waliin waloon kan hojjetan ta’uu Dooktar Girmaan eeraniiru.

Misooma qonnaa, misooma biyyoo fi damee beelladaan dhaabbanni isaanii Ministeera Qonnaa waliin tumsaan hojjechuu kan itti fufu ta’uu Indiriyaa Wiiliyaam Saam himaniiru.

Sagantaalee haaraa Misooma Bunaa, Mekaanaayizeeshinii Qonnaa fi qabeenya Beelladaa, akkasumas qabeenya uumamaarratti dhaabbilee dhuunfaa waliin tumsaan kan hojjetan ta’uu eeruu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment