Dooktar Girmaan Itiyoophiyaatti Daayrektera Sagantaa Nyaata Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 29, 2017 (FBC)- Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen Itiyoophiyaatti Daayrektera Sagantaa Nyaata Addunyaa Zilataan Miliisiik waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Dooktar Girmaan sadarkaa Misooma qonna Itiyoophiyaarratti ibsa laataniiru.

Daayrekterri Sagantaa Nyaata Addunyaa Zilataan Miliisiik
gamasaaniin, sagantaan Nyaata Addunyaa gama wabii nyaataa mirkaneessuun deeggarsa garaagaraa taasisaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojiilee misooma jallisii fi dameelee biroon hojjetamaa jiran dinqisifachuun, deeggarsa barbaachisuu hunda taasisuuf qophii ta’uu ragaan Ministeera Qonnaarra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment