Dooktar Girmaan Ambaasaaddara Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 24, 2017 (FBC)-Ministirri Ministeera Qonna Dooktar Girmaa Amanteen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Ambaasaaddar Erviin Maasiingaa waliin mari’ataniiru.
Mariin isaaniin Damee qonnaan Ameerikaa waliin tumsaan dhimmoota hojjechuu dandeessisanirratti kan xiyyeefate ta’uun ibsameera.
Dooktar Girmaan hojiilee misooma qonnaarratti Ambaasaaddar Erviin Maasiingaaf ibsa bal’aa laataniiru.
Ambaasaaddar Erviin Maasiingaan gama isaaniin, sochii Itiyoophiyaan damee qonnaan taasisaa jirtu dinqisifachuun,sochii damicha ammayyeessuuf taasistuurratti walta’iinsaan hojjechuuf qophii ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Qonnaarra argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment