Dooktar Girmaa Amanteen Jilaa Neezerlaandi waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2015 (FBC)- Ministrri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen jila Ministira Daldalaa Alaa fi Walta’iinsa Misoomaa Neezerlaandii Liisjee Ischeereenmaacheriin durfamu waliin mari’ataniiru.

Neezerlaandi Ityoophiyaa waliin hariiroo damee hedduu kan qabduu fi tumsituu walta’iinsaa misooma damee qonnaa ta’uun eerameera.

Marii isaaniin Ityoophiyaan damee qonnaa ammayyeessuu, oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojiilee hedduun gaggeeffamaa jiraachuun eerameera.

Iniisheetivonni garaagaraa hojiirraa oolfamuun damechaan jijjiiramni olaanaa galmaa’uun himameera.

Qamadii, Sagantaa Ashaaraa magariisaa fi Maaddii Guutuun hojiileen hojjetamaa jiraniin wabii nyaataa, sirna soorataa mirkaneessuu fi jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf gahee olaanaa waan qabaniif xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Neezerlaandi Ityoophiyatti hojii invastimantii damee ililii irratti bobbaatee jiraachuu fi muuxannoo bal’aa qabaachuun eerameera.
Fuuldurattis wabii nyaataa fi sirna soorataa mirkaneessuuf fuuncaan sonaa fuduraa fi muduraa, aannan, dammaa fi qaneeyaa qurxummii deeggarsa akka barbaachisu marichaan ka’eera.

Dabalataan damecha teeknooloojiin fooyyessuuf oomishi qonnaa, sadarkaa daldala alaa kan eeggatee fi itti fufiinsa akka qabaatuuf waloon hojjechuun murteessa ta’uun ibsamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment