Dooktar Girmaa Amanteen hoggantoota dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 4, 2015(FBC)- Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen hoggantoota dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa (USAID) waliin haala damee qonnaanqindoominaan hojjechuu danda’an irratti mari’achuu ibsameera.

Ministeerri Qonnaa yeroo ammaa qonna ammayyeessuuf karoora waggoottan 10 bocuun hojiirra oolchaa jiraachuu Dooktar Girmaan ibsaniiru.

Misooma qamadii boneen, sagantaa Ashaaraa magariisaafi hojiilee biroon bu’aalee jajjabeessoon argamuu ibsameera.

Dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa damee qonnaarra darbee akka biyyaatti deeggarsa guddaa taasisaa jiraachuu eeruun, qonna deeggaruuf piroojektii bal’aa bocee waan dhufeef galateeffataniiru.

Piroojektii dhiyeessii sanyii filatamaa, makaanaayizeeshiniifi damee beelladaan akkasumas wabii nyaataafi eegumsa qabeenya uumamaa irratti hojjechuun qonna ammayyeessuuf karoorfame kana deeggaruuf ministeerichi deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Hogganaan Dhaabbata Gargaarsaa Ameerikaa (USAID) Siin Joonsan gamasaaniin, damee qonnaan keessumaa hojii misooma qamadiirratti hojjetamaa jiru galateeffachuun damichi akka ammayyaa’uuf yeroowwan darbanitti baajata hedduu ramaduun Ejensii Ce’umsa Qonnaa, Wabii Nyaataafi Hojii Qabeenya Uumamaa irratti hirmaachuu eeraniiru.

Gara fuula duraattis dhiyeessii sanyii filatamaa, suphaa maashinoota makaanaayizeeshiniifi meeshaalee jijjiirraa dhiyeessuun tajaajiloota kanneen naannolee baadiyyaatti waliin gahuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Kana malees piroojektichi misooma qabeenya beelladaafi qabeenya uumamaa irratti kan hojjetu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment