Finfinnee, Caamsaa 21, 2015 (FBC) –Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen hoggantoota Baankii Addunyaa waliin mari’atan.
Jijjiramaa qabeenya qilleensaa , Nyaataa fi nageenya nyaataa ,fayyummaa biyyee fi itti fayyadamaa, hojiilee damee invastimantii dhuunfaa, dhiyeessii faayinaansii baaddiyyaa fi dhimmoota biroorratti mari’achuu ibsameera.
Dabalataan, Piroojektootaa fi sagantaalee deeggarsaa Baankii Addunyaan hojjetamaa jiranirratti mari’achuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.